Pireezidaanti Shimallis Hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffatan

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaan Hawaasa godinaalee Wallaggaa hiriira ba’uun deeggarsa hoggansa jijjiiramaaf qaban argisiisan galateeffataniiru.

Guutuun ergaa isaaniin haala armaan gadiin dhiyaatera.

Jjjiiramni keenya qormaatilee alaafi keessoo dandamatee milkaa’ina mirreen tarkaanfachaa as gahee jira.

Kana milkeessufis ta’ee injifannoo rogdanuun dabaluu keessatti ummanni Wallaggaa harka tokkoon nageenya tikfataa harka hafeen misooma hojjetaa tureera.

Jijjiiramni gatii qaaliin dhufe kun boqonnaa seenaa walqixxummaaf akeekkiin badhaadhina waloo biyya keenyaa itti mirkanaa’efi xomborri bilisummaa itti ifeedha.

Gara fuula duraattis, deeggarsa ummata keenyaafi hoggansa qareessa Looreetii Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin gufuuwwan hedduu mudatan keessatti imaammata mo’ataafi bilchaataa qabannee biyya keenya mo’ichaafi kabaja hedduuf kaadhimuu kan itti fufnu ta’a.

Guyyaa har’aa, ummata Wallaggaa osoo haalota kamiinuu hin daangeffamin injifannoowwan jijjiiramaa yaadachuuf hiriira seena qabeessa kana irratti hirmaattan hundaaf galata addaa dhiyeessaa, jijjiirama gatii qaaliin argameefi egeree waloo ummata Itiyoophiyaa akeeke kana, nagaa waaraa mirkaneessufi misooma finiinsuun tikfachuun gahee hunda keenyaa ta’uu yaadachiisuun barbaada.

Irra deebiin Ulfaadhaa! Galatoomaa!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment