Obbo Getaachoow Raddaa fi Obbo Musxafee Mahaammad ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Pireezidaantii Bulchiinsa Yerio Naannoo Tigraay Obbo Getaachoow Raddaa fi kan Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoow Raddaan ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obbo Getaachoon hordoftoota amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga Ayyaana Du’aa Ka’uy Iyyasuus Kiristoos nagaan geessan jedhaniiru.

Waayita ayyaanni kun kabajamu lammiilee sababa garaagaraan rakkoof saaxilaman deeggaruun ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Ayyaanichi Ayyaana jaalalaa nageenyaa fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadus Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga Ayyaana Sooma Hiikaa geessan jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment