Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa maraan baga geessan jedhaniiru.

Mootummaan naannoo Amaaraa hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cinaatti badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qormaatileef osoo hin jilbiifanne magaalaa fi baadiyyaatti hojiilee gurguddoo hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hoggansa, ogeeyyii fi qaamolee dhimmi ilaalltu hundi waayita rakkoo kanatti misooma naannichaa mirkaneessuuf kanneen cichoominaan hojjetan hunda maqaa koo fi ummata naannichaan galata guddaan qaba jedhan.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi ummata Itiyoophiyaa guutuu addunyaarratti argaman maraaf ayyaana gaarii hawwaniiru.

Pireezidaabtiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbaddanis ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuu addunyaarratti argamtan hundi baga Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos geessan jedhaniiru.

Akkasumas Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leddaamoon ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni kun ayyaana Iyyasuus Kiristoos Qaraaniyooratti fannifamuun dhala namaa jaalala, dhiifama, gaarummaa, kabajaa fi waliif wareegamuu itti barsiisu ta’uu Obbo Dastaan ibsaniiru.

Haaluma gooftaan nu barsiiseen nutis namoota rakkatanii fi maanguddoota humna hin qabne gargaaruun ayyaana kana kabachuu qabna jedhuun ergaa dabarsaniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa fi Ummanni Itiyoophiyaa hundi baga geessan jedhaniiru.

Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoonis baga ayyaana Sooma Hiikaa geessan jedhaniiru.

Ayyaanni kun ayyaana Iyyasuus Kiristoos dhala namaa jaalala dhugaa itti barsiise jechuun ibsaniiru.

Ayyaana guddaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa haala hoo’an kabajamu kanaan baga isin gahe jedhaniiru.

Ayyaanich ayyaana jaalalaa, fayyinaa, Nageenyaa, tokkummaa fi misoomaa akka ta’u hawwaniiru.

Comments (0)
Add Comment