Piriimer Liigii Ingiliziin Kilabonni Maanchistar lamaan yoo injifataman Arsenaal milkaa’eera

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Tapha Piriimer Liigii Ingiliziin Kilaboonni Magaalota Maanchistar injifatamaniiru.

Tapha sa’a booda gaggeeffameen Astoonviilaan Biraayitaniin 6 fi 1’n injifateera.

Haaluma walfakkaatuun, sa’aatii 11:00 irratti dursaan Piriimer Liigichaa Maanchistar Sitiin Wolvishamtan Wandararsiin 2 fi 1’n akkasumas Maanchistar Yuunaayitid Kiristaal Paalaasiin 1 fi 0’n injifatameera.

Dirree isaan ala barnimawuz waliin kan tapahate Arsenaal 4 fi 0’n injifachuun sadarkaa isa gara 2ffaatti fooyyesseera.

Evartan Luutantaawuniin 2 fi 1’n yoo injifatamu Niwukaastil Yuunaayitid Barnilayiin 2 fi 0’n injifateera.

Dirree isaa irratti Sheefiildi Yuunaayitid Westahaam Yuunaayitidiin keessummeessuunis 2 fi 0’n inifateera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment