Piroojektiin Fedhii fayyaa hawaasa Horsiisee bulaaf deebii kennu ifoome

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Piroojektiin Fedhii fayyaa hawaasa Horsiisee bulaaf deebii kennu Doolaara miiliyoona 35n waggoota 5f hojiirra oolu ifoomeera.

Horsiisee Bultoota Aanaalee 35 Naannolee 4 keessatti argaman kan hammatu Piroojektiin kun sirna fayyaa walhormaataa, sirna nyaataa, yaala haadholii fi daa’immanii, Guddattootaa fi karoora maatirratti hojjeta jedhame.

Sagantichi bakka Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee bakka buutoonni dhaabbilee tumsitootaa fi aanga’oonni mootummaa biroon argamanitti ifoomeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment