Preezdaant Saahilawarqii fi mm Dr Abiy boqachuu Sulxaana duraanii Oomaanin gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Amajjii 11, 2012 (FBC) – Preezdaant Saahilawarq Zawdee fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad boqachuu Sulxaana duraanii Oomaanin gadda itti dhaga’ame ibsan.
 
Gorsaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Mohaammad Diriir ergaa preezdaant Saahilawarqii fi muummee ministiraa Dooktar Abiy, Sulxaaneta Ooman Haaytam Biin Taariiq Biin Taaymoorif ergame ministira Ministeera Dhimma Alaa Oomaan harkaan ga’aniiru.
 
Sulxaanni duraanii Oomaan Qaboos biin Sayid Al Sayid boqachuu isaanii ilaalchisuun ergaa preezdaant Saahilawarqii fi muummee ministiraa Dooktar Abiy ergan Ambaasaaddar Mahaammad Diriir ministira Dhimma Alaa Oomaan Yuusuuf biin Alawii biin Abdullaahitti laataniiru.
Comments (0)
Add Comment