Qabeenya Qooddan yoo dhabdan jaalala qooda – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen sagantaa maaddii qooduu sadarkaa magaalichaatti gaggeeffamaa jurratti argamuun maaddii qoodaniiru.
Sagantaa maaddii qooduu Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti qophaa’een harka qalleeyyii kuma 2 oliiif Daakuu Qamadii, zayita, Ruuzii, Makoranii, Paastaa fi Lukkuun kennameera.
Saganticharratti argamuun maaddii kan qoodan Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, kaayyoon maaddii qooduu kun qaal’iinsa jireenyaa sadarkaa addunyaattis ta’ee, sadarkaa biyyaatti muul’ate hir’isuu fi lammilee harka qalleeyyii deeggaruuf ta’uu ibsaniiru.
Eebila 1 irraa eegalee bulchiinsi magaalichaa baasii Birrii miiliyoona dhibba 5’n, lammilee kuma dhibba 2 fi kuma 40’f deeggarsa taasiisuu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa magaalichaa ammoo Birrii miliyoona dhibba 1 ta’u baasuu isaanii himaniiru
Walgargaaruun aadaa Ityoophiyaanootaati, qabeenya qooddan yoo dhabdan jaalala qooda jedhan Aadde Adaanach.
Dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa sagantaa maaddii qooduu kanarratti hirmaataan hunda galateeffataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa torbeewwan lamaan darban Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun sagantaan Afxiraa 77 qopheessuun hawaasa Musiliimaa kuma 18 fi 335 waliin Afxiraa gaggeessuu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment