Qabeenyi Bishaan lafa jalaa fi lageen Daangaa ce’oon ka’umsa walfamii osoo hin taane agarsiiftuu misooma waloo ta’uu qabu jedhame

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Qabeenyi Bishaan lafa jalaa fi lageen Daangaa ce’oon ka’umsa walfamii osoo hin taane agarsiiftuu misooma waloo ta’uu akka qaban Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.

Yaa’iin Ministiroota Bishaanii biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Naannoo Somaalee Aanaa Shabaleetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icha haala itti fayyadama Bishaan lafa jalaa daangaa ce’aa waloon fayyadamuu fi misoomsuun danda’amurratti mari’ataa jira jedhame.

Biyyoonni Baha Afrikaa qabeenya Bishaan lafa jalaan kan badhaadhan ta’uu Dooktar Injinar Haabtaamuun ibsaniiru.

Qabeenya kuufamaa kana waloon misoomsuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Qabeenyi Bishaan lafa jalaa fi lageen Daangaa ce’aan ka’umsa walfamii osoo hin taane agarsiiftuu misooma waloo ta’uu akka qaban himaniiru.

Ministiroonni Bishaanii Jibuutii, Keeniyaa, Ugaandaa fi Sudaan Kibbaa qabeenya bishaan lafa jalaa daangaa ce’oo waloon misoomsuunn waloon fayyadamuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Gohi Nigusuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment