Qarattoonni hawaa keessatti dhoo’insi olaanaan mudachuu ibsan

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Qorattoonni hawaa dhoo’insi olaanaan hawaa keessatti mudachuu beeksisan.

Qorattoonni dhoo’insicha adda baasan akka beeksisanitti, taatichi urjiiwwan irratti miidhaa cimaa qaqqabsisera.

Gaalaaksiirrattis uraa uumuu isaati kan beeksisan.

Dhoo’insi mudate qaama dukkanaa’aa lafarraa waggaa ifaa (“Light-year”) miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 90 fagaaturraa ka’uu akka hin oole ibsameera.

Dhoo’insicha teeleskooppiin kan hordofan yoo ta’u, humni madduu uurjiiwwan gara isaatti dachaasuu danda’eera jedhan.

Haala dhoo’insichaa adda baasuufis teeleskooppii Awustiraaliyaa fi Hind fayyadamaniiru.

Qorattoonni kanneen odeeffannoo waliigalaa dhoo’insichaarratti wanti ifoomsan hin jiru.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment