Qormaata biyyoota guddachaa jiranii qoqqoodamni dijitaalaa furmaataa barbaada jedhame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)– Ityoophiyaan qormaataa biyyoota guddachaa jiranii kan ta’e qoqqoodamni dijitaalaa furmaataa argachuu akka qabu Ya’ii Bulchiinsa Interneetii Idil Addunyaarratti akeekte.

Mariin dureewwan olaanoo Yaa’ii Bulchiinsaa Interneetii Idil Addunyaa Ostiriyaa Veeyinaatti gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii, biyyoonni guddachaa jiraanii koorniyaa, afaan, ogummaa dijitaalaa, waliin gahiinsaa interneetii, meeshaalee teeknooloojii quunnamtii odeeffannoo fi kanneen biroorratti uggurrii fi qoqqoodamni akka mul’atu ibsaniiru.

Dhimmichi ajandaa marii yaa’ichaa ta’ee akka irratti mari’atamu fi furmaanni akka kennamu gaafataniiru.

Yaa’ichi qoqqodaama dijitaalaa simachuun yaa’ii bulchiinsa interneetii 2023 gaggeeffamurratti dhimma marii ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

yaa’iin bulchiinsa interneetii 18ffaan bara dhufu Jaappaanitti gaggeffama.

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment