Raashiyaan karoora Gamtaa Awurooppaa balaaleffatte

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Raashiyaan qabeenya ishee ugguramerratti karoora Gamtaan Awurooppaa qabate balaaleffatte.

Kireemiliin qabeenyi Raashiyaa akka hinsochooneef ugguraman bittaa meeshaalee waraanaa Yuukireeniif akka oolan yaada Itti Gaafatamaan Imaammataa Alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Booreel dhiyeessan bu’uura seera Idil Aadunyaa kan dagate ta’uu ibsitetti.

Dubbii Himaan Kireemiliin Dimitirii Peeskoov gaaffii fi deebii gaazexeessitoota waliin taasisaniin, Awurooppaanonii karoora qabatanirratti maqaa balleessiin miidhaa geessisu ni beeku jedhan.

Waa’ee karoora gamtichaa kan gaafataman Dubbii Himan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Mariyaa Zakaaroova gama isaaniin yaada saamichaati jechuun qeequu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment