Raashiyaan yaalii milka’aa Misaa’eeloota Haayparsooniik  taasifte

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)-Preezdaantiin Raashiyaa Vildaamiir Puutiin biyyi isaanii  misaa’eeloota Haaypaarsooniik yeroo 12’f furguggisuun yaalii milka’aa taasisuu ibsaniiru.

Preezdaant Puutiin biyya isaanii akkasumas Manneen Maree Barnootaa fi Saayinsii waliin waltajjii gaggeessarratti akka ibsaniitti, Misaa’eelichi ammayyaa’aa fi kaayyoo lafaarraas ta’a qilleensaarra kaminiyyuu rukutuu ni danda’aa jedhaniiru.

Preezdaantiichi yaalichi bayyee milka’a ta’uu ibsuun, biyya isaaniif raawwii guddaa akka ta’e himan.

Misaa’eela gabbisuun nageenya biyyattii fi dandeetti raayyaa ittisaa guddisuuf kan kaayyeeffate ta’uu CGTN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment