Ramaddiin Tapha Waancaa Kilaboota Itiyoophiyaa 2ffaan ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Kilaboonni liigiin Olaanoo fi Piriimer Liigii kan irratti hirmaatanii Rammaddiin tapha waanca kilaaboota Ityoophiyaa 2ffaan ifoomeera.

Rammaddi “A” jalatti Qiddus Goorgiis Hambariccoo Duraamee waliin, Haadiyyaa Hoosaanaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa waliin, Walaayittaa Diichaan Magaalaa Dassee waliin, Magaalaan Bishooftuu Magaalaa Halaabaa waliin, Magaalaan Adaamaa Buna Sidaamaa waliin, Nageelle Arsiin Siilxee Waraabee waliin akkasumas Madiin Itiyoophiyaan Dirree Dhawaa waliin ramadamaniiru.

Rammaddii “B” jalatti, Magaalaan Baahirdaar Magaalaa Shaggar waliin, Poolisiin Oromiyaa Magaalaa Arbaa Miinci waliin, Magaalaan Hawaasaa Magaalaa Beenchi Maajii waliin, Maachaal Magaalaa Walqixxee waliin, Magaalaan Dabira Birhaan Gaamoo Caanchaa waliin, Faasil Kanamaan Magaalaa Naqaamtee waliin, Koolfee Qaraaniyoon Ityoo Eleektirik waliin akkasumas Bunni Ityoophiyaa Magaalaa Waldiyaa waliin ramadamaniiru.

Kilaaboota Piriimeerliigii fi Liigii Olaanarraa walitti baba’an 32 giddutti taphni Waancaa Sadaasaa 15-17, 2016 ni gaggeeffama jedhamuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment