Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqni guddina biyyaaf gahee murteessaa qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqni guddina biyyaa fi nageenya hawaasummaa gabbisuuf gahee murteessaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.
‘Sadarkaa qorannoo fi qo’annoon Itiyoophaa irra jiru, ilaalamaa fi abdiilee’ mata duree jedhuun mariin Golahambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jira.
Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa dabalatee qorattoonni dameewwan garaagaraa fi qooda fudhattoonni maricharratti argamaniiru jedhame.
Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqni guddina biyyaa fi nageenya hawaasummaa gabbisuuf gahee murteessaa qabaachuu Dooktar Ballaxaan eeraniiru.
Guddinni Teeknooloojii fi Kalaqaa yoo jiraate, oomishaaleen haaraa fi tajaajjiloonni akka babal’atan sababa ta’u jedhan.
Kunis carraa hojii uumuun guddina diinagdee fiduun imala gara Badhaadhinaatti taasifamu kan saffisiisu ta’uu dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’usa.
Comments (0)
Add Comment