Sagantaan madaallii ga’umsaa Ifa barnootaa biyyaleessaa eegalame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Sagantaan madaallii ga’umsaa Ifa barnootaa biyyaleessaa eegalamuu ibsameera.
Ityoophiyaatti namoota barnoota idilee osoo hin baratin dubbisuu fi barreessuu dandaa’niif sagantaa Ifa barnootaan madaalliin ga’umsaa laatamuuf ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Sagantaan jalqabsiisa Madaallii Ifa barnootaa biyyaalessaa har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Barnoonni seenaa biyya tokkooti jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injinar Geetahuun Makuriyaan sirna baniinsa sagantichaarratti haasawa taasiisaniin.
Dhaabbileen amantaa Kiristiyaanaa fi Islaamaa waa’ee barnootaa barsiisuu fi lallabaa turuun isaanii kanaaf agarsiiftuudha jedhan.
Dooktar Injinar Geetahuun,dhaabbileen amantaa barnoota bu’uuraa babal’isuu keessatti ga’ee guddaa ba’achaa turan ibsaniiru.
Saganticharratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin, Af Yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa, Af yaa’iin mana maree federeeshinii, preezdaantoonni naannolee fi kaantibaan magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa fi qaamolee garaagaraa argamaniiru.
Yismaay Adaraaw fi Faasikaa Taaddasaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment