Sagantaan misooma Seeft neetii lammiilee biyyattii miiliyoona 5 fayyadamoo taasiisu marsaa 5ffaan eegalame – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Sagantaan misooma Seeft neetii lammiilee biyyattii miiliyoona 5 fayyadamoo taasiisu marsaa 5ffaan eegalamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa aadde Ayinaalem Nigusee har’a Dirree Dawaa fi naannoo Harariitti argamuun saganticha ifatti eegalchiisaniiru.

Sagantichaan sadarkaa maatiitti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojiileen hedduun kan raawwataman ta’uu ibsaniiru.

Marsaa 4ffaan waggoota 5f hojii eeggumsa biyyoo fi bishaanii hojjetameen bu’aa gaariin argamuu aadde Ayinaalem eeraniiru.

Sagantichaan ulaa hanqina midhaan nyaataa duuchuun qabeenya horachuuf ni hojjetame jedhan.

Sagantaa marsaa 5ffaan ammoo muuxxannoo dura argame cimsuun naannolee 8 fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti jiraattoota baadiyyaa rakkoolee garaagaraaf saaxilaman wabii midhaan nyaataa isaanii mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Sagantichi naannoo Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Sidaamaa, Kibba, Afaarii fi Harariitti akkasumas Magaalaa Dirree Dawwaatti hojiirra kan oolu ta’uu aadde Ayinaalem ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment