Seenaan Ityoophiyaa Seenaa sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa hundaati – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Seenaan Ityoophiyaa seenaa Sabaa fi sablamoota Ityoophiyaa hundaa ta’uu isaan eenyuummaa fi seenaa sabaa fi sablamoota hundaa cimsuu fi beeksisuun barbaachisaa ta’uu Preezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan.

Preezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa hayyuu seenaa obbo Taaboor Waamiitiin kitaabaa mata duree “Eenyummaa Oromoo fi Seenaasaa” jedhuun barreeffame eebbisaniiru.

Hayyoonni Oromoo eenyummaa fi seenaa Oromoo karaa gurmaa’een walitti qabuu fi barreessuudhaan dhalootatti dabarsuu qabu jedhan.

Seenaa Oromoo warri kaanis akka beeku ayyoonni itti gaafatamummaa guddaa qabu jedhan.

Obbo Shimallis Mootummaan Naannoo Oromiyaa kitaaba har’a eebbifame kana kooppii kuma 25 birrii miliyoona kudhaniin bituun, manneen barnootaa Oromiyaatiif akka kennu himaniiru.

Afrikaatti adda duree kan ta’e Manni Maxxansaa ammayyaan tokko dhiyeenyatti eebbifamee tajaajila kan eegalu ta’uu obbo Shimallis eeraniiru.

Biyyattitti seenaan Ummatootaa akka hin taaneetti barreeffame sororfamuun seenaa Ummatoota Ityophiyaa hundaa akka ta’uutti barreeffamu qabas jedhan.

Hayyoonni Oromoo guddina eenyummaa Oromoo fi seenaa Oromoorratti gumaacha fuulduratti taasisaniifi Jiddu Galli Qorannoo Aadaa Oromoo akka cimuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisu hundaan kan taasiisu ta’uu ibaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment