Seenaataroonni Ameerikaa lama biyyi isaanii Hidha Haaromsaarratti ejjennoo walaba akka qabaattu gaafatan

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Seenaataroonni Ameerikaa lama biyyi isaanii dhimma Hidha Haaromsaarratti ejjennoo walaba akka qabaattu xalayaadhan gaafatan.
 
Seenaatar Korii Buukarii fi Seenaatar Kiristoofar Kuuns hogganaa Ministeera Maallaqaa Ameerikaa Steevan Manuushaniif xalayaa barreessaniin, Ameerikaan dhimma Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Gibtsiif loogdun akka dhaabdu gaafataniiru.
 
Marii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan dhimma hidhichaarratti gaggeessan irratti ejjennoon loogii Ameerikaa isaan yaachisuu beeksisaniiru.
 
Wixineen waliigaltee kanaan dura Ameerikaadhan qophaa’ee ture Gibtsiif loogdummaa waan qabuuf, Ityoophiyaan hin mallatteessu jechuu ishee seenaataroonni kanneen yaadachiisaniiru.
 
Mariin hidhichaa waliigalteedhanis goolabame; goolabamuu baatee, Ityoophiyaan bishaan guutuu kan eegaltu ta’uu beeksisuu isheetin naannichi xiyyeeffannoo addaa uumeras jedhan.
 
Ameerikaanis akka jaarsaatti yaada waliigaltee dhiyeessuu malee loogdummaan aantee qaama tokkoo hin maluuf jedhan.
 
Loogdummaan isheen muul’istes waliigalteerra akka hin ga’amnee fi dubbiin akka hin qabbanoofne taasisa jedhan.
 
Dhimmicha gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii geessuu Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa mormuun, manni marichaa dhimmicha ilaaluuf bakka filatamaa akka hin ta’in muul’isa jedhan.
 
Deeggarsaa fi tumsa Ityoophiyaaf taasifamu ittisuuf socho’uunis naannichatti fedhii biyyoolessaa Ameerikaan qabduun faallaa dhaabbachuudhanis ibsaniiru.
 
Ameerikaan loogdummaa keessaa baatee mariin eegalame walabaan akka gaggeeffamus gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment