Seera Labsii waa’ee hojjettoota mootummaa filannoo dorgomanii fi paartiilee siyyaasaaf bahe

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Hojjettoonni mootummaa dhuunfanis ta’ee miseensa paartii siyyaasaa tokkoo ta’uun filannoof dorgoman labsii galmee paartiilee siyyaasaa bahe lakkoofsa 1162/2011 keewwata 33 iddoo lamatti qooduun teessisee jira.
 
1/ Hojjettoota mootummaa dhuunfanisa kaadhimamaa paartii siyyaasaa ta’ani dhiyaachuuf hojii mootummaa qaba gadi dhiisuuf dirqaman;
 
1.1/ Abbootiin seeraa, Abbootiin alangaa, loltoonni, Poolisiin, miseensonni qaama nageenyaa, hojjettoonn tika nageenyaa fi hojjettoonni boordii filannoo dhuunfaa fi kaadhimamaa paartii siyyaasaa ta’anii dhiyaachuuf hojii qabatanii jiran gadhiisuu qabu.
 
1.2/ Abbootiin seeraa, Abbootiin Alangaa, loltoonni, Poolisiin, miseensonni qaama nageenyaa, hojjettoonn tika nageenyaa fi hojjettoonni boordii filannoo kamiiyyuu yeroo filannoo filachiisuu, deeggaruu,fi kanneen bitoo irratti hirmaachuu hin qaba.
 
2/ Hojjettoota mootummaa dhuunfa fi kaadhimamaa paartii siyyaasaa ta’uun hojii mootummaa qabatanii dorgomaa ta’anii dhiyaachuu danda’an;
 
2.1/ Hojjettoota mootummaa lakkoofsa tokko jalatti ibsaman alatti hojjettoonni mootummaa kamiiyyuu dhuunfa fi kaadhimamaa paartii siyyaasaa ta’uun hojii mootummaa qabatanii dorgommiif dhiyaachuu ni danda’u.
 
2.2 Hojjetaan mootummaa tokko dorgomaa ta’ee yoo dhiyaate yeroo kakaasii filannoo mindaa malee eeyyamni akka kennamuuf ni taasiifama.
 
2.3 Hojjetaan mootummaa filannoof dorgomu tokko filannoof qabeenya mootummaa mana hojichaa fayyadamuu akka hin dandeenye ragaan boordii filannoo biyyaaleessaa argame ni agarsiisa.
 
Comments (0)
Add Comment