Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa fiigicha gufachiisaa fi Tarkaanfii eegalame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Ityoophiyaa fiigicha gufachiisa gabaabaa, giddu galeessaa, Meetira kuma 3, Tarkaanfii fi akaakuuwwan biroon Akkaadaamii Ispoortii Ityoophiyaatti eegalameera.

Shaampiyoonaan kun ga’umsa Atleetootaa madaaluuf qooda qabaachuu Daayrektarri Teeknikaa Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Obbo Asfaaw Daanyaa eeraniiru.

Shaampiyoonaa kanaarratti Atleetoonni Kilaboota 19 fi dhaabbilee keessaa walitti babba’an 600 kan hirmaatan ta’uu kaasaniiru.

Shaampiyoonichi hanga Bitootessa 17, 2015tti kan turu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment