Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Jimmaa 28ffaan xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) –Shaampiyoonaan Ispoortii aanaalee godina Jimmaa 28ffaan xumurame.

Shaampiyoonaa Ispoortii kanarratti aanaaleen godinichaa 19 hirmaataniiru.

Itti gaafatamaan waajira dargaggoo fi isportii godina jimmaa obbo Nagumaa Makonniin, kaayyoon dorgomichaa dargaggaagoota gahuumsa qabaniifi biyya bakka bu’uu danda’an horachuu ta’uu dubbataniiru.

Dorgoomii kanarratti dargaggootni gahumsa olaanaa agarsiisan godinicha bakka bu’uun shaampiyoonaa isportii Oromiyaarratti akka hirmaatan obbo Nagumaan himaniiru.

Bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, dargaggoonni godinichaa ispoortii cinaatti hojilee arjoomaa fi tola ooltummaa irrattis dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhaniiru.

Shaammpiyoonaan isportii aanaalee godina Jimmaa kun guyyoottan 15f, gosoota ispoortii 11n gaggeeffamaa tureera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment