Sosochii Ummataa ‘Barnoonni dhalootaaf’ jedhuun qabeenyi Birrii biiliyoonni 25.3 olitti tilmaamamu walitti qabame

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Sosochii Ummataa ‘Barnoonni dhalootaaf’ jedhuun qabeenyi Birrii biiliyoonni 25.3 olitti tilmaamamu walitti qabamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Sosochiin ummataa bu’uuraalee misooma barnoota fooyyeessuuf gaggeeffameen qabeenyi Birrii biiliyoona 25.3 olitti tilmaamamu walitti qabamuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Ayyalechi Isheeteen ibseera.
Cabiinsa barnootaa mudate bu’uurarraa jijjiiruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Sosochiin Ummataa ‘Barnootaa dhalootaaf’ jedhu naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaa 2 keessatti gaggeeffameen qabeenyi Birrii biiliyoona 25.3 olitti tilmaamamu walitti qabuun danda’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment