Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jijjiirama qabatamaa galmeesseera – Dooktar Abiy

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu Indaastiriiwwan gara hojiitti galchuun jijjiirama qabatamaa galmeessuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dooktar Abiy agarsiisa Itiyoophiyaan haa oomishtuu Galma Barkumeetti qophaa’e bananiiru.
Baatiwwaan saglan darban oomisha alaa gala ture Doolaara biiliyoona 1.9 baasu kan biyya keessan bakka buusuun danda’amuu himaniiru.
Mootummaan oomishaalee galteewwan Indaastirii ta’anirratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.
Aadaa Oomisha biyya keessaa fayyadamuu babal’isuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Agarsiifni Galma Barkumeetti qophaa’e kun har’aa eegalee guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, dhaabbileen oomishtootaa 210 oomisha isaanii dhiyeessuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment