Talaallii dabalataa miiliyoona 5 ol argachuuf hojjetamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Talaallii dabalataa miiliyoona 5 ol argachuuf Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Hanga guyyaa har’aatti lammiileen kumni dhibbi 4 fi kumni 30 ol talaallii Covid -19 fudhachuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Talaallii dabalataa miiliyoona 5 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaan qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf ba’e darban kumni 73 adabamuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
Dhaabbilee 400f of eeggannoon laatamuu fi dhimmi dhaabbilee 16 fi namoota 30 ammoo seeraan ilaallamaa jiraachuu himaniiru.
Mattaagas Ayyalinyitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment