Tapha darbii Waancaa FA hawwiin eegamu

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Har’a Falmiin kilaboonni darbii Magaalaa Maanchiister Waancaa FA gulumeeffachuuf taasiisan hawwiin eegama.

Taphni waancaa FA har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee Kilaboota Magaalaa Maanchiister, Maanchiister Siitii ffi Maanchiisteer Yuunaayiitiid gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan kana dura tapha Waancaa FA yeroo 10 waliin taphatan keessaa Yuunaayiitiid yeroo 6 yoo injifatu, Siitiin yeroo 4 injifateera.

Taphni kun Maachiister Yuunaayitiidiif waancaa gulumeeffachuu qofa osoo hin taane hirmaannaa Liigii Awurooppaa argachuuf daraan murteessaadha.

Yuunaayitiid Waancaa FA injifachuun hirmaannaa Liigii Awurooppaa argate taanaan, Cheelsiin liigicha keessaa ba’uuf dirqama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment