Taphattoonni duraanii garee Kubbaa miilaa Itiyoophiyaa 2 du’aan boqotan

Finfinnee, Fulbaana 9 ,2015 (FBC)- Taphattoonni duraanii Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Isheetuu Gabirahiiwotii fi Tewoodiroos Asgadoom du’aan addunyaa kanarraa du’aan boqotan.

Bara 1950 fi 60’oota keessa garichaaf kan taphatanii darban yoo ta’u Isheetuu Gabirahiwot bara 1960’oota keessa qopheessummaa Itiyoophiyaan tapha Waancaa Afrikaa gaggeeffamerratti miseensa Garee Biyyaalessa Itiyoophiyaa turu seenaan isaanii ni argisiisa.

Kana malees taphataa hangafaa Kilaba Kubbaa Miilaa Qiddus Giyoorgis ta’uun ture.

Haaluma walfakkaatuun kilabootaa garaagaraatti taphachuun kan dabarse Tewoodiroos Asgadoom dhukkuba isaa mudateen biyya keessaa fi alatti wal’aanamaa turuun du’aan addunyaa kanarraa boqoteera.

Tewoodiroos keessumaa bara 1990’oota keessa kilabaa Biiraa Harar, Buna Itiyoophiyaa, Madiin, Tiraansi Itiyoophiyaa fi kilaboota birootti taphachaa turuun kan yaadatamuudha.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa du’aan boqochuu taphattoota duraanii kanneeniin gadda itti dhaga’amee ibsuun maatii, firoottanii fi maatii Ispoortiif jajjabina hawweera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment