Taphni Piriimer Liigii Itiyoophiyaa boru eegala

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Taphni Piriimer Liigii Itiyoophiyaa 2016 boru Istaadiyemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti ni eegala.

Piriimer Liigichi sa’aatii 9:00 irratti tapha Kilaba Kubbaa Miilaa Magaalaa Adaamaa fi Kilaba Kubbaa Miilaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa gidduutti gaggeeffamuun kan eegalu ta’uun ibsameera.

Sa’aatii 12:00 irratti ammo Kilaba Kubbaa Miilaa Buna Sidaamaa fi Buna Itiyoophiyaa gidduutti taphini kan gaggeeffamuu ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment