Taphni Waancaa Magaalaa Finfinnee 17ffaan eegalame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Taphoonni Waancaa Kubbaa Miilaa Magaalaa Finfinnee 17ffaan Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti eegalameera.

Taphni baniinsaa Baankii Daldalaa fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa gidduutti taphatamaa jira.

Taphni Waancaa Finfinnee 17ffaan ramaddii lamatti qoodamuun kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Bunni Itiyoophiyaa, Baankiin Daldalaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Magaalaan Shaashamannee ramaddii 1ffaa jalatti ramadamaniiru.

Qiddus Giyoorgis, Adaamaa fi Madin Itiyoophiyaan ramaddii 2ffaa jalatti ramadamuun taphatu jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment