Taphoonni deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa fi boru taphatamu

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Taphoota deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a PSG fi Borushiyaa Doortimand gidduutti taasiifamu ni eegama.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee PSGn falmiin Borushiyaa Doortimand waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Tapha marsaa jalqabaan Borushiyaa Doortimand galchii 1 fi 0n PSG injifachuun kan yaadatamuudha.

Boru ammoo Riyaal Maadriid Baayern Muunik waliin morkata.

Taphni marsaa jalqabaa galchii 2 qixa xumuramee ture.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment