Taphoonni nuusa xumuraa lama har’a ni gaggeeffamu

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)-Tapha Waancaa Afrikaa 34ffaan taphoonni nuusa xumuraa lama har’a ni taphatamu.

Haaluma kanaan Maaliin Kootdiivaar waliin Keeppiverdeen ammo Afrikaa Kibbaa walin ni taphatu.

Morkiin tapha walakkaa xumuraaf darbuuf taasifamuun, Maaliin keessummeessituu Waancichaa Kootdiivaar waliin sa’aatii 2:00 irratti kan taphatan yoo ta’u, Keepiverdee fi Afrikaan Kibbaa sa’aatii 5:00 irratti kan ta’aphatan ta’uun eerameera.

Eda galgalaa taphoota gaggeeffamaniin Naayijeeriyaan Angoolaa 1 fi 0’n yoo injifattu, Rippaabilikiin Dimokiraatawaa Koongoo Giinii 3 fi 1’n injifachuun tapha walakkaa xumuraaf darbaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment