Taphoonni Walakkaa Xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaan jalqabaa har’aa fi boru taphatamu

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Taphoota Walakkaa Xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa jalqabaan taphni har’a Baayerni Muunik Riyaal Maadrid waliin taasiisu akkaan eegama.
Baayerni Muunik har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee falmiin Riyaal Maadrid waliin taasiisu ni eegama.
Kilaboonni lamaan falmii waltajjii Shaampiyoonsi Liigii fi Liigii Awurooppaa irratti taphoota 26 waliin taphatan keessaa Maadrid yeroo 12 yoo injifatu, Baayerni Muunik yeroo 11 injifachuun sa’a 3 qixa ba’aniiru.
Boru halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee PSGn Borushiyaa Dortimand waliin ni morkata.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment