Tootenhaam guyyoota 7 keessatti yeroo 3ffaaf injifatame

Finfinnee, Ebla 27, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 36ffaa har’a waaree boodaa eegalee taphatameen Liivarpuulii fi Cheelsiin morkattoota isaanii injifataniiru.

Liivarpuul galchii 4 fi 2n Tootenhaam yoo injifatu, Cheelsiin galchii 5 fi 0n Weest Haam injifateera.

Tootenhaam guyyoota 7 keessatti yeroo 3ffaaf injifatamuu isaati.

Carraan hirmaannaa Shaampiyoons Liigii argachuuf qabu jalaa dhiphateera.

Tapha biroo har’a taphatameen Biraayitan galchii 1 fi 0n Astoon Viilaa injifateera.

Astoon Viilaan ammaan booda tapha 1 injifannaan hirmaannaa Shaampiyoonsi liigii argachuu ni mirkaneeffata.

Piriimeer Liigichi xumuramuuf torbee 2 qofatu hafe.

Arsenaalii fi Maanchiister Siitiin morma walqabaniiru.

Comments (0)
Add Comment