Waa’een nageenyaa ummatta wallaggatti hin himamu – Dooktar Abiy Ahimaad

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Biyya afuurri nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi kabajaa keessatti lallabamaa ture Wallaggaatti waa’een nageenyaa hin himamu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hiriira deeggarsa mootummaa jijjiiramaaf hawaasni Godinaalee Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti gaggeessanirratti argamaniiru.

Kan moo’e injifannoo tikfachuuf qabsaa’a, mul’anni keenya fulduratti, isa kaleessaa irraaffachaa isa boruuf hiixanna jedhan.

Dachee Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo wal ajjeessuun, ajandaa diinaan walqooduun haa dhaabbatu, waltaane diina keenya cabsuu qabna jedhuun dhaamaniiru.

Dooktar Abiy, akka aadaa keenyatti waliin mari’achuu, seenarraa barannee waliin yaa dhaabbanni, wal ajjeesuun har’aa eegalee akka dhaabbatu labsii nageenyaa labsineerra jedhan.

Oromoon ofiin of cabsuurra waliin ta’ee diina isaa akka cabsu dhaamaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment