Waamicha gara biyyaa ‘Iidaa hanga Iidaa’ hordofee keessuummoonni biyyoota garaagaraarraa gara biyyaa galaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Waamicha gara biyyaa ‘Iidaa hanga Iidaa’ jedhu hordofee keessuummoonni biyyoota addunyaa garaagaraarraa gara biyyaa galaa jiraachuu ibsame.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmad, kanaan dura Iida biyyatti haa kabajnu jechuun lammiilee Ityoophiyaa fi dhalattoota Ityoophiyaa akkasumas michuuwwan Ityoophiyaaf waamicha dhiheessuun isaanii ni yaadatama.

Bu’uuruma kanaan keessummoonni biyyoota addunyaa garaa garaarraa Ayyaana Iid Al Faxir biyya keessatti kabajuuf Finfinnee galuurratti argamu.

Waamicha dhihaate fudhachuun Ayyaana Iid Al Faxir  waloon kabajuuf, lammiilee rakkatan gaafachuu fi deeggaruuf akkasumas turtii gaarii taasisuuf  gara biyyaa dhufuu keessummoonni ibsaniiru.

Keessattuu, naannoowwan sababa waraanaan miidhaman daawwachuun, hanga humna isaanii deeggaruuf qophii ta’uu  himaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment