Waldorgommii kubbaa miilaa Paan Afrikaatin Ityoophiyaan Koorniyaa lamaaniin milkoofte

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Waldorgommii kubbaa miilaa Paan Afrikaa Koongootti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan Koorniyaa lamaaninuu milkoofte.

Dorgommii kubbaa miilaa manneen barnootaa Afrikaa qopheessummaa Rippaablika Diimokiraatawa Koongoon gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan koorniyaa lamaaninuu injifattee jirti.

Walmorkii kubbaa miilaa dhiirootaan Ityoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaate manni barumsa sadarkaa 2ffaa Awwaaroo Amboo qopheessituu dorgommichaa Koongoo 2 fi 1 injifachuun milkiin eegaleera.

Walmorkii kubbaa miilaa Dubartootaan ammoo Ityoophiyaa bakka bu’ee kan hirmaate manni barumsaa Diillaa Sadarkaa 2ffaa Seenegaal galchii 2 fi 0 injifateera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment