Waliigalteen ijaarsa proojaktii misooma jalliisii Birrii biiliyoona 1.5 Mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti proojaktiin misooma jallisii Birrii biiliyoona1.5 ijaarramuuf waliigalteen mallattaa’e.
 
Ijaarsi proojaktii kanaa aanaa Angooleelaa fi Xaaraa laga Ajiimaarratti ijaarrama.
 
Proojaktichi lafa heektaara kuma 7 ol misoomsuu kan danda’u yoo ta’u, qonnaan bultoota kuma 14 ol fayyadamoo taasisuu danda’a jedhame.
 
Akka EBCn gabaaseetti proojaktiin jallisii Ajiimaa Caacaa kun meetira 371 kan dheeratu yoo ta’u, meetira 45 ol ka’iinsa qabaachuu isaa waliigalticharratti ibsameera.
 
Bishaan Meetir kuuyuubii miiliyoona 59 qabachuu akka danda’us eerrameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment