Wallaggi bakka misoomaa fi araaraa malee dachee dhiigaa miti – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Wallaggi bakka misoomaa fi araaraa malee dachee dhiigaa miti jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Rakkoolee waggoottaan darban Itiyoophiyaan keessa turte furuuf hojii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojjetaniin jijjiirramni raajiin argameera jedhan Pireezidaanti Shimallis haasawa hiriira deeggarsaa mootummaa jijjiiramaaf magaalaa Naqamteetti bahamerratti argamuun taasiisaniin.

Biyya gogiinsi irra deddeebiin muudataa ture hojii Ashaaraa magariisaa hojjetameen jijjiiramni ajaa’ibsiisaan argamuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti waan hundaan dorgomtuu akka taatuuf qindoominaan ni hojjenna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Ummanni Oromoo rakkoo nageenyaa mudate ture furuuf aarsaa hedduu kaffaleera,Wallaggi bakka misoomaa fi araraa malee dachee dhiigaa miti jedhuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment