Waltajjiin galtee yaadaa filmaata imaammata ce’umsa haqaarratti walitti qabuu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC)– Waltajjiin filmaata imaammata ce’umsa haqaarratti galtee walitti qabuu Paartilee Siyaasaa waliin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Nabiyyuu Mahaammad, galteen yaadaa walitti qabamuun imaammataa qopheessuuf yaadamuun Ityoophiyaan kan waloo ta’uu kan mirkaneessuudha jedhan.

Walitti bu’iinsaa kutaa Kaabaa biyyattiitti dhiyeenya mudatee tureen sarbamnii mirga namooma mudataanis ittigaafatamaa taasisuun hinmul’atu jedhaniiru.

“Miidhaan dhiifamaa hingaafanne; miidhaman hinhimanne; haqnii hir’ateera” jedhan.

Kanaaf sirna kana qajeelchuun akka barbaachisuu ibsanii, imaammanni qophaa’uunis barbaachisa ta’uu kaasniiru.

Pireezidaantiin Mana Maree Waloo Partilee Siyaasaa Dooktar Mabiraatuu Alamuu gama isaaniin, ce’umsi haqaa, miidhaamtootaaf beekamtii kan kennu, amantaa kan guddisu, olaantummaa seeraa kan mirkaneessu waan ta’eef barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Sirni kunis imaammataa ifaan akka hogganamu gochuun barbachisaadha jedhan.

Ce’umsi haqaa ammoo ofii isaa qofaa galma waan hintaaneef hundi keenya abbumaan hirmaachuu qaban jedhaniiru.

Haayimaanoot Wandiraaditu gabaase

#Ityoophiyaa #Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment