Waraana Raashiyaa fi Yuukreen hordofee biyyoonni Lixaa Naayijeeriyaarraa Boba’aa bitachuuf ta’uu dhaga’ame

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Waraana Raashiyaa fi Yuukreen hordofee Dippiloomaatoonni Gamtaaa Awurooppaa dhaabbilee Boba’aa mootummaa Naayijeeriyaa waliin sochii eegaluu himameera.
Biyyoonni Lixaa Qoqqoobbii Raashiyaarra kaa’an hordofee hanqina boba’aa isaan muudatee fi qaala’iinsa gatii sadarkaa idil addunyatti uumame furuuf fuula isaanii gara Naayijeeriyaa deebisuu ibsameera.
Hoggantoonni Naayijeeriyaa, Niijerii fi Aljeeriyaa torbee tokko dura Ujummoo daddabarsa Boba’aa karaa Saahaaraan Awurooppaa ga’u Kiiloo Meetira kuma 4 diriirsuuf waliigalteerra ga’uu ibsameera.
Biyyanni Afrikaa Kuufama Haydiroo Kaarbanii dhiyeessa Humnaa addunyaa % 15 uwwisuu danda’an qaban gurgurtaa dhiyeessa boba’arraa fayyadamuun amma jechaa jiru jedhame.
Faallaa kanaan Naayijeeriyaan Dhiyeessii humnaa ishee gara Awurooppaatti erguu eegaluu hordofee lammiileen biyyattii rakkoo dhiyeessii humnaan saaxilamaa jiraachuu ‘The African Report’ gabaasera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment