Weerarri vaayrasii koroonaa Afrikaatti daraan babal’achuu danda’a – Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Afrikaatti weerarri vaayrasii Koroonaa daraan babal’achuu akka danda’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hubachiiseera.
Dhaabbatichi gosti vaayrasichaa haaraan Ardichaatti muul’achuun, dhiyeessiin talaallii turuu fi rakkoon talaallii laachuu waliin walqabatee jiru weerarichi irra deebiin akka babal’atuuf sababa ta’uu danda’a jedheera.
Gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf Hinditti argame B. 1.617 jedhamu Afrikaatii biyya tokko keessatti muul’achuu fi gosti biroo yeroo jalqabaaf Afrikaa Kibbaatti argame B.1.351 jedhamu biyyoota Afrikaa 23 keessatti muul’achuu ibsameera.
Akkasumas gosti vaayrasii koroonaa yeroo jalqabaaf Biriitaaniyaatti argame B.1.1.7 jedhamun moggaafame biyyoota 20 keessatti babal’achuu himameera.
Afrikaatti talaallii miiliyoona 37 keessaa hanga ammaatti kan laatame walakkaa qofa ta’uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
Haalli yaaddeessaan Hinditti muudate Afrikaattis akka hin qaqqabne of eeggannoo cimaan taasiifamuu akka qabu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektarri naannoo Afrikaa Maatshiidiisoo Moo’eeti hubachiisaniiru.
Afrikaatti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman miiliyoona 4.6 ol keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 23 olii darbuu eerameera.
Maddi:-CGTN
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment