Xaa’oon Biyyoo kuntaalli miiliyoonni 11.79 ol gara biyya keessaa geejjibsiifamuu ibsame

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) – Bara Oomisha 2016/17’f kan oolu Xaa’oo Biyyoo kuntaala miiliyoona 12 Buufata Jibuutii ga’e keessaa Kuntaalli miiliyoonni 11.79 gara biyya keessatti geejjibsiifamuu Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Xaa’oon gara biyya keessaa geejjibsiifame kun karaa Waldaalee Hojii Gamtaan Qonnaan Bultootaaf raabsamaa jiraachuu eerera.

Guyyaa kaleessas Dooniin Xaa’oo NPS Booroonii jedhamu Toonii kuma 636 fi 600 feete Buufata Jiibutii ga’uu korporeeshinichi ibseera.

Akkasumas Dooniin Xaa’oo NPS Booroonii jedhamu Toonii kuma 543 feete guyyoota 11 booda Buufata Jibuutiin ni geessiin kan eegamu ta’uu ragaan fuula korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment