Xiyyaara Itiyoophiyaa har’a Hawaasa gara Finfinnee balali’aa ture keessatti aarri mul’atus rakkoo malee Buufata Xiyyaaraa Boolee gahuu isaa ibsame

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Xiyyaara Itiyoophiyaa har’a magaalaa Hawaasa gara Finfinnee balali’aa ture keessatti aarri mul’atus rakkoo malee Buufata Xiyyaaraa Boolee gahuun qubachuu isaa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Xiyyaarri lakkoofsa balallii ET154/07 ta’een Magaalaa Hawaasaarraa gara Finfinnee Balali’aa ture keessatti aarri mul’atus xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee nagaan ga’uun Imaltoonnis haala nageenyi isaanii eegameen bu’uu isaanii ibseera.

Yeroo ammaa Ka’umsi rakkichaa qoratamaa jiraachuu eeruun,taatee uumameef maamiltoota dhiifama gaafateera.

Comments (0)
Add Comment