Yaa’iin damee Geejjibaa fi Loojistiksii sadarkaa biyyaalessaa Gaambeellaatti eegalame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2016 (FBC) – Yaa’iin damee Geejjibaa fi Loojistiksii sadarkaa biyyaalessaa bara 2016 Gaambeellaa eegalameera.

Yaa’iin damee Geejjibaa fi Loojistiksii sadarkaa biyyaalessaa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii bakka Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen argamaniitti magaalaa Gaambeellaa gamaaggamuu galeera.

Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Pireezidaantii Mootummaa naannoo Gaambeellaa Obbo Umad Ujuluu dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Hariiroon waloo akka caalmaatti cimuu fi naannawicha beeksiisuuf yaa’iin kun Gaambeellatti akka gaggeeffamu taasiifamuu Dooktar Alamuun ibsaniiru.

Yaa’ichi kallattii hojii seektarichaa yaa’ii darbeen kaa’ame gamaaggamuun hojiilee yeroo itti aanaan keessa raawwataman kan ilaalu ta’uu kaasuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment