Yaaliin Finxaaleyyiin biyya diiguuf taasiisan fashalaa’eera – Jeneraal Ababaw Taaddasaan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Giddugalli Leenjii Ajaja Komaandoo Humna Qilleensaa miseensota kutaalee ajajichaa adda addaarraa walitti fiduun hoggansa sadarkaa gadii leenjisaa ture eebbisiiseera.
Giddugalicha leenjitoota kanneen bakka Itti Aanaan Itaamaajooriii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Jeneraala Ababaw Taaddasaa fi Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon argamanitti eebbisiiseera.
Finxaaleyyiin guddina biyyaa hin barbaanne biyya diiguuf yaaliin taasiisaa turan qindoomina Raayyaa Ittisaa fi Ummataan fashalaa’uu Jeneraal Ababaw Taaddasaan ibsaniiru.
Biyya cichoomsuuf gatii qaalii kaffaluun nageenya argame waareessuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Aggaammii kallattii kamiinuu biyyarratti qiyyeeffame qolachuuf humni waraanaa ga’umsa qabu ijaaramuu dubbataniiru.
Comments (0)
Add Comment