Yakkamaan Barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Yakkamaan Barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa Cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera.
Yakkamaan Obbo Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti hiriyaa isaa kan turte Daraartuu Lammeessaa Cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture.
Yakkamaan kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu abbaan alangaa qorannoo taasiisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera.
Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itiyoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera.
Haaluma kanaan Manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa ni barsiisa kan jedhe adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan Qajeelcha Poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment