Yuunvarsiitichi rakkoon bulchiinsa gaarii akka furamuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruuf hojjecha jiraachuu beeksise

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa rakkoon bulchiinsa gaarii akka furamuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaruuf hojjecha jiraachuu beeksise

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Garramaw Hulluuqaa, haala waliigalaa hojii Yuunvarsiitichaarratti miidiyaaf ibsa kennnaniiru.

Qorannoon barattootaanis ta’e Yuunvarsiitichaan qorataman hojii qabatamaatti akka jijjiiraman hojjatamaa jiraachuu ibsichaan himaniiru.

Fedhii sekteroonni akka qoratamuuf dhiyeessan irratti hundaa’uun qorannoowwan rakkoolee hawaasaa furan hojjechaa jiraachuu Dooktar kaasaniiru.

Gama kanaan hojiin bu’aa qabeessa ta’e hojjetamuu dubbataniiru.

Aramaa bocee Hara Dambal mudateen walqabatee hayyoonni dhaabbilee barnootaa gara kana dhufanii akka qorataniif hojjataa jiraachuu eeraniiru.

Yuunvarsiitichi hojiilee rakkoo hawaasaa furanirratti hojjataa jiraachuus yaadachiisaniiru.

Yuunvarsiitichi namoota harka qalleeyyii 200 ta’aniif tajaajila bilisaa waggaa tokkoof turu kennaa jiraachuu himaniiru.

Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa  damee isaa naannolee Oromiyaan alattis hanga Afriikaa Bahaatti babal’isuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Yuunvarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu gara ‘E-Learning’tti jijjiiruuf xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Yuunvarsiitichi digirii jalqabaa fi 2ffaan sagantaalee 50 oliin barattoota simatee barsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Qorannoo Imaammata Federaalizimiin digirii 3ffaa eegaluuf qophiirra jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment