Fana: At a Speed of Life!

Arbaa Mincitti garaa dargaggoo tokko keessaa meeshaaleen qara qaban 30 ba’an

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC) – Magaalaa Arbaa Mincitti dargaggeessa umuriinsaa waggaa 20 ta’e keessa meeshaaleen qara qaban garaagaraa 30 ta’an waldhaansa baqaqsanii yaaluun garaa keessaa ba’uu ibsame.

Naannoo Kibbaa, magaalaa Arbaa Minci keessatti, dargaggeessi umuriinsaa 20 ta’e keessa meeshaalee qara qaban garaagaraa 30 waldhaansa baqaqsanii yaaluun gara isaa keessaa ba’uu Hospilaalli Aarbaa Minci beeksiseera.

Dargaggoon kun ji’oota arfan darbaniif rakkoo fayyaa sammuu isa mudaterraa kan ka’e meeshaale qara qaban liqimsaa erga tureen booda, dhiyeenya kana wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefuu ibsameer.

Dargaggeessi kun, mana hidhaa keessa akka turee fi rakkoo fayyaa sammuu akka qabu Hojii gaggeessaan Hospitaala Arbaa Minci, obbo Tamasgeen Tashoomee BBCtti himaniiru.

Dargaggoon kun erga yaala baqaqsanii yaaluu argatee haalli fayyaa isaa sadarkaa gaarii irratti argama jedhaniiru.

Meeshaaleen qara qaban kanneen akka mismaaraa, lilmoo, sibiilota adda addaa, qalamni ittiin barreessan afur, kirriiwwan hedduu, walii galatti meeshaaleen 30 ta’an garaasaa keessaa ba’uu himameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.