Fana: At a Speed of Life!

Argannoo haaraa gosa kaansarii hunda yaaluu dandeessisu

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Qorannoo haaraan gosa kaansarii hunda yaaluu dandeessisu ifoome.

Sirna dhibee ofirraa ittisuu qaama namaa dabaluurratti qorannoon argame gosa kaansarii hunda yaaluu dandeessisa jedhameera.

Bu’aan qorannoo haaraa kun sirna dhibee ittisuu qaama namaa irratti argame fayyadamuun dhukkuboota kaansarii hunda yaaluu dandeessisa.

Dhiiga namaa keessatti kan argamu seeliin dhiigaa adiin ‘Tii’ jedhamu uumamaan kaansariin dhiigaa nama keessa akka hin jiraanne ni gargaara jedha qorannichi.

Seeliin ‘Tii’ jedhamu kun dhibee ittisuu fi qaama namaa keessaa kaansarii gosa garaagaraa dhiiga namaa keessa jiran sakatta’uu fi dhoorkuu ni danda’a jedhameera.

Garee qorattoota fayyaa Kaardiifiin kan ifoome qorannichi kaansarii sombaa, gogaa, dhiigaa, harmaa, kalee, kaansarii ulaa gadaamessaa kanneen biroo irratti argamanii fi kutaa yaalii keessatti ajjeesuun akka danda’amu himaniiru.

Haaluma kanaan dhibichaaf namni saaxilame dhiigni samuudaan fuudhamuun seelonni erga kutaa yaalii keessatti guddatanii booda qaama dhukkubsataa keessatti deebisuun gosa kaansarii hundaa ittisuun ni danda’ama jedhameera.

Argannichi haga ammaatti bineensota qofarratti yaliin taasifamaa jiraatus, nama irratti yaalii taasisuun dura mirkaneessaan ragaa akka barbaachisu himameera.

Maddi:BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.