Fana: At a Speed of Life!

Argisiifni Suuraa ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ magaalaa Goondariitti baname

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Argisiifni Suuraa fi mariin paanaalii ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ 9ffaan magaalaa Goondariitti banameera.
Saganticharratti Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasaa Tulluu dabalatee hoggantoonni mootummaa federaala, naannolee, ogeeyyiin miidiyaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Argisiifnii fi mariin paanaalii marsaa 9ffaan qQopheessummaa Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaan mata duree, ‘Wa’ee Ityoophiyaa’ jedhamuun yaadrimee waa’ee Ityoophiyaatiif gumaacha miidiyaalee jedhurratti hayyoota damichaatiin waraqaan ka’umsa marii dhiyaachaa jira.
Suurawwan taatee Siyaasaa murteessoo bara 1950 – 1960, gaaffii seenaa ummanni kaasaa ture,wareegama birmadummaa biyyaaf kaffalame, akkasumas dhimmoonni qabeenya Turizimiin walqabatan dhiyaataniiru.
Minaalee Ayyanawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.