Fana: At a Speed of Life!

Artiist Yoosan Geetahunii fi hiriyoonni isaa jiraattoota Godina Booranaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Onkololeessaa 15, 2014 (FBC) – Artiist Yoosan Geetahunii fi hiriyoonni isaa hongee godina Booranaatti muudate dandamachiisuuf deeggarsa nyaataa loonii taasiisan.

Godina Booranaatti hongee mudate dandamachiisuuf deeggarsi kennamaa jiru cimee itti fufeera.

Hanga ammaatti deeggarsi midhaan nyaata kuntaalli kuma 8 fi margi hidhaa  kuma 38 ol kennamuu itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa, obbo Abdisaalam Waariyoo himaniiru.

Ministeerri Qonnaa marga beelladaa hidhaa kuma 38  fi 128 deeggarsaan laateera.

Godinni Shawaa Bahaa ammoo margaa hidhaa kuma 2fi dhibba 4 ol gumaacheera.

Gareen Artiist Yoosan Geetahuunii fi hiriyyoonni isaa, akkasuma kutaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee garaa garaatii marga hidhaa kuma 4, fi 246 gumaachuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.